|
Afaan
Oromoo


|
PRESS
RELEASES
July 23, 2007
Hoogganni, qondaalonnii fi miseensonni
AWO USA, Awurooppaa fi Canada, irraa walitti dhufanii xiinxalaa fi
toowuu adeemsa hojii AWO kan bara tareetii fi dalagaawwan haga ammaa
jiran, milkii fi gammachuu, gufuu fi qormaata keessa dabree godhuudhaan
ejjannoolee armaan gadii dabarsanii jiran.
1. injifannoolee gama
siyaasaa, waraanaatii fi hawaasummaatiin yeroo gabaabaa keessatti
AWOn argamsiise, dacha dacha akka ta’u miseensi AWO bakka jirutti
waardiyyaa dhaaba isaatii fi wabii ummata Oromoo ta’uudhaaf irra deebinee
akkuma kaleessaa irbuu seenna
2. harqoota gabrummaa jala jirruu fi abbaa biyyummaa ilmaan habashaatiin
dhaalamne, deebinee gonfachuuf miseensi AWO hundi dammaqiinsaan woreegama
gama hundaatiif uf qopheessuudhaan aadii armaan dura seenne haarawoomsinee
jirra
3. Ummanni Oromoo kan biyyaa fi ala jirus, mirga abbaa biyyummaa dafee
gonfachuu fi diina nu nyaataa jira umrii gabaabsuudhaaf, golaa fi
gollichoo, golgaa fi dawoo qabsaawota AWOtiif godhu waamicha lammummaa
goonaaf
4. buttaa ykn aggaammii qabsoo ilmaan Oromoo kolaasuu, faaydaa ummata
keennaatiif jecha humnoota keessaa fi alaa irraa jabeennaan tiksina
5. qabsoon walabummaa Oromiyaa, AWOn geggeeffamu, mana keessa osoo
hintaane diina kallachaa irratti xiyyeeffatee halkaniif guyyaa hojjataa
jirra. Humnoonni Oromoodhaaf qabsaayan kan birootis, fakkeenna AWO
kan fudhachuudhaan, qabeenna ummataatii fi yeroo isaanii dhaaba walabaa
qancanrsuuf oolchuu dhiisanii gara dalagaa diina mancaasuutitti akka
fula deeffatan akeekkachiifna
6. Amaaraa fi Tigreen amala gaararruummaa fi jibbaansa hadhaawaa ummata
Kush, keessaahuu Oromoodhaaf qaban irratti tokko. Garaa garummaa fedhii
aangoo malee, kayoon isaanii fuula lama saantima takkaati. Kanaafuu
haga waraanni humna koloneeffataa habashaa Oromiyaa quphatee jirutti
AWOn qabsoo isaa kan hidhannoo uduu addaan hinkutin itti sufa
7. waraanni nafxanyaa Tigree, Oromiyaa qorgee, ummata Oromoo salphisee,
namaa gaditti irra deemaa jiru, Oromiyaa gad-dhiisanii akka gara biyya
ufii Tigraayitti dacha’an irra deebinee jabeessinee akeekkachiifna
8. Murni saamtuun woyyaanee mootummaa Tophiyaa ufiin jettu Oromiyaa
bira tartee, biyya ollaa Somalia keessa seentee, ummata Oromootii
fi ummata Somalia kumaatammatti laakkayamu meeshaalee qabeenna Oromootiin
bitteen lafa irraa duguuguudhaan biyya gubaa jirti. Gocha diinummaa
gara jabeennaa kana hatattamaan akka dhaabdu, adhaa fi boru osoo hinjenne
biyya walabaa Somalia gad dhiiftee akka baatu hadheeffannee akeekkachiifna
9. Murni gita bittuu Woyyaannee, dhooggaa takka malee daangaa biyyoota
walabaa ce’uun Oromoota cunqursaa jalaa baqatanii Sudan, Djibouti,
Kenyaa fi Yemen keessa quphatan irratti gaaga’ama hamaa geessaa jira.
Humnoonni dhala namoomaa naannawa Afrikaa bayaatii fi jiddu galeessa
bayaa keessa socho’an, red cross, Amnesty international fi Human rights
watch, miidha kana saaxilanii, irkoo barbaachisu baqatottoota Oromootii
akka godhaniif gaafanna
10. humnoonni habashaa wal-diddaa hundee akka hinqabne, dalagaa heera
ufii baafatanii fi walabummaa sirna seeraa cabsuudhaan, osoo hidhamtoonni
Oromoo, haqa ufiitiif qabsaayan bara dheeraadhaaf mana hidhaa keessatti
shaman, humnoota qindoomminnaa (qinjit) gad dhiisuun raga guddaadha.
Kanaafuu Oromoonni tokkummaa toftaatiin sobamtanii moonaa diina moofaa
fi haarawaa seentan, akka gara qabsoo haqaa tan AWOn geegeffamtutitti
makamtan waamichaa isinii goona
11. Murni gita bittuu mootummaa habashaa Tigreen, hidhamtoota siyaasaa
Oromootii fi miseensota Maccaa fi Tuulamaa adhaaf boru osoo hinjenne
akka gad dhiiftu cimsinee akeekkachiifna
12. Tokkummaan humna, tokkummaaf jecha gabroomuun garuu harrummaa.
Kanaafuu, ummanni tokkummaaf jecha, haqa ufii jallisu, lamaanuu hin
argatu. AWOn tokkummaa humnoota Oromoo dalagaadhaan akka mirkaneessu,
THBOn akka galma gayuu fi guddinni isaa saffisu, uf qusannoo tokko
malee, hojjanna
13. murni gita bittuu Tigree, malaa fi haala xaxamaa ummata keenna
diinaggeen gad qabee hiyyoomsu henna gara hennaatti diriirsaa jira.
Qabeenna Oromiyaa gara biyya ufii fe’ataa jira. Kun ammoo haala jibbisiisaa
boru, ummatoota lamaan jiddutti diinummaa dhuma hinqabne habaqaalaa
waan jiruuf murni woyyaanee hatattamaan gocha isaanii kana irraa dhaabatan
akeekkachiifna
14. humnoonni addunyyaallee, mootummaa gabroomfataa cubbuudhaan ummata
oromoo fixaa jiru gargaaruu irraa uf qusattanii, sirni kolonii dachii
irraa baduun isaa walabummaa Oromiyaatiin akka mirkanaayu danda’u
gargaarsa barbaachisa akka gootan yaadachiifna
15. dargaggoon shamarran, hojjaataan, barataa fi daldalaan akkasumas
qotee bulaan Oromoo, tuffii fi gadi qabaa, cunqursaa fi duguuggaa
akkasumas saamichi qabeenna Oromoo dhaabatee, nafxanyaa fi gita bittuun
woyyaanee umriin akka gabaabbatu godhuuf qooda keessan gumaachuuf
waamicha Kallacha qabsoo Walabummaa Oromiyaa AWOn isinii godhuuf deebii
barbaachisu haala boonsaa ta’een akka kennitan waamicha isinii goona
Oromiyaan Ni Walaboomti
AWO
|

|
SOME
FACTS
|
|
The
Oromo make up over 40 million out of the present 75 million
population of the Ethiopian Empire
The Front for Independence
of Oromia(FIO) has no intent of using violent means as far as
Abyssinians are willing to relinquish their occupation by peaceful
means from all Oromian territories.
Ecologically and
Agriculturally, Oromia is the richest region in the Horn of
Africa. Live Stock products, coffee, oil seeds, spices, mineral
resources and world wild life are all abundant and diverse.
|
|