HOME

ORGANIZATION

MISSION 

Articles/Aarchives

News/links 

Press Releases  

Radio 

Photo Gallery 

FeedBack 

Contact Us  

 

 

 SIYAASAA


Bu’urri qabsoo AWO Oromiyaa walaboomsuudha

  • Kaayoo Siyaasaa
    Hundeen kaayoo AWO mirga ummani Oromiyaa hiree ofii-mataa-ofiitiin murteeffachuuf qabu daangaa tokko malee hujii irra oolchuuf sirna kiyoo-gabrummaatii fi Impaayera Itoophiyaa diiguudhaan, ummata bilisaan, biyya walaba keessatti mootummaa birmaduu dimokraa-tawaa ummata Oromiyaa (Independent Democratic Republic of Oromia) utubuudha. Mirgi hiree ofii-mataa-ofiitiin murteeffannoo fi mirgi dimokraasii ka saba tokkoo calla osoo hintayin mirgoota sabaa fi imammatoota addunyaa guutuu waan ammatuuf mirgoonni kunneen qabiyyeen isaani idilee addunyaa (universal) jedhee ammana AWOn.Imaammaanni bareeffama fuul kanaa, waayee ummata Oromoo, qabsoo, lafaa fi aadaa isaa gabaabatti dubbiftoota hubachiisuudha. Bittaa gabrumma Tophiyaa jalatti rakkoo ummata Oromoo mudate, akkasumattis, qabsoo bilisummaaf geggeeffame keessatti miidhaa uumame bal’inaan kitaabotarraa dubbisuun ni danda’ama.
  • Ummata Oromoo fi Aadaa isaa

  • Ummatoota Gaafa Afrikaa qubatan keessaa Oromoon ummata lakkofsaan heddummina qabu. Ummata Impaayera toophiyaa ka miliyoona 75-tti tilmaamamu keessaa Oromoon gara miliyoona 40 haga 42-ti.
  • Ummatoota heddumeenna quddaa qaban kanneen ardii Afrikaa keessaa Oromoon tokko ta’us, hawaasa addunyaa baay’e biratti hin beekamu. Maqummaan Oromoo jedhuyyuu beekamuu dhabuun isaa haalaan qaddisiisaa ta’us, sochiin ilmaan Oromoo gochaa jiran ilaalcha kana haqee jijjiira jenne amanna.
  • Ummatni Oromoo saba gara dhuma jaarraa 19-ffaa keessa koloneeffataa qurraachaa Afrikaa – Abisiiniyaa ka humnoota Awuroophatiin tin’ifameen gabroofame. Biyyoota Afarikaa kanneen akka Somaalee, Kenya. Sudan fi kan biros jaarrama kana keessa humnoota Awuroophaatiin gabroomfamuun isaanii beekkamaadha. Haata’u malee, sabni Oromoo saba gurraacha adii hin taaneen gabroofamuun isaa, akka hawaasaa addunyaa biratti hin beekamne taasise. Akka sabni kunis rakkinnaa isaa kana hin ibsanne haguuge.

 

 

 

 

Read Complete Article ||PDF||

HAQNI QABATAMAAN
Ummata Impaayera Toopiyaa ka ammaantana miliyoona 75 tilmaamu keessaa, ummanni Oromoo miliyoona 40 ol taya.

Addi Walabummaa Oromiyaa (AWOn) hookkaratti hin amanu. Cunqursitootni Abisiiniyaa osoo karaa nagayaatiin lafa Oromoo keessaa bayaanii lolli barbaachissa miti.

Qabeenna Oromiyaa Oromiyaan Gaafa Afrikaa keessaa oomichaa midhaan fi qaneemma bosonaatiin biyya dureettiidha. Qabeenni isii loowwan, Buna, gogaa, midhaanzeeytaa fi kanneen adda addaa, akkasumas albuudaa fi kkf.