HOME

ORGANIZATION

MISSION 

Articles/Aarchives

News/links 

Press Releases  

Radio 

Photo Gallery 

FeedBack 

Contact Us  

 

In-English

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

PRESS RELEASES


Ibsa Ejjannoo Waggaa Lammaffaa Hundeeffama AWO Ilaalchisee

Onkololeessa 27, 2007

Guyyaan akkuma bari’ee dhiiyuun dheerinna yerootiin wal haa fakkaatu malee, waan keessa dhuufuufii uumamuun hedduu garaa garummaa qaba. Akkaatama waan keessa dalagameetiin ulfinnii fi yaadannoon hennaa umrii keessa dabarsiineef qabnu wal irraa jalaan jira. Ta’iinsi kun hiikkaan namtokkee fi hawaasa akkasumas ummata saniif qabu sadarkaa hubannoo ykn dammaqiinsa isaanii irratti irkatullee dimshaashatti gadda yoo hinta’in gammachuu, salphinna yoo hinta’in ammoo ulfinnaa fi kabajaa bira hintaru. Galmee seenatillee haaluma kanaan qoramee dhaloota dhufuuf dabra Tuqii


Injifannoo Waranaa Walabummaa Oromiyaa

Biiftuun Bilisummaa, Oromiyaa Walabaa Gubbatti Ni Hangaati

Henna gabroomfattoonni humna waraana Oromiyaa keessa quphateen uf eeggumsa jabeessanii barkumii (millennium) isaanii ayyaaneffachuudhaaf qabeenna Oromiyaa saamaniin cidha fi feeshtaa dangaa hinqabne qopheeffataa jiranitti, tarkaanfiin boonsaan kan qoratameefii injifannoon guddaan itti galmaaye Waraana Walabummaa Oromiyaatiin (WWO) fudhatamuu isaatiin gammannee jirraa, lammiwwan Oromoo hundi baga gammaddan. Tuqii


Itti Baha Teessumma AWO Kan Magaala Lakkuu Keessati
Arfaasa 28- 31, 2006 Adeemsifame

Ummanni Oromo eega harqoota gabrummaa jalatti humnaan dirqamee kufee as diddaa fi qabsoo farra gabrummaa godhaa turee jira, haga hardhaas finiinsee bifa garagaraatiin itti sufee jira. Woraqsnii fi Waldhaansoon godhame kunin haga woreegama itti kafalame wolhingitu. Hadhaa qabsoo bara dheera sabni Oromoo godhe keessa dandi haarawa banuun, Jaarmaya hooggana haxxiyyaan geegefammu ijaaruun waan filmaata hinqabne ta’u isaatiin AWOn dhalate. Tuqii



HAQNI QABATAMAAN
Ummata Impaayera Toopiyaa ka ammaantana miliyoona 75 tilmaamu keessaa, ummanni Oromoo miliyoona 40 ol taya.

Addi Walabummaa Oromiyaa (AWOn) hookkaratti hin amanu. Cunqursitootni Abisiiniyaa osoo karaa nagayaatiin lafa Oromoo keessaa bayaanii lolli barbaachissa miti.

Qabeenna Oromiyaa Oromiyaan Gaafa Afrikaa keessaa oomichaa midhaan fi qaneemma bosonaatiin biyya dureettiidha. Qabeenni isii loowwan, Buna, gogaa, midhaanzeeytaa fi kanneen adda addaa, akkasumas albuudaa fi kkf.