HOME

ORGANIZATION

MISSION 

Articles/Aarchives

News/links 

Press Releases  

Radio 

Photo Gallery 

FeedBack 

Contact Us  

In-English 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Jaarmaya


Imaammata murga hiree ofii-mataa-ofiitiin murteeffataa ka idilee addunyaa irratti ejjannoon suyaasaa ka Addi Walabummaa Oromouaa qabu:

AWOn imaammata mirga hiree ofii-mataa-oftiitiin murteeffatuu guutummatti qabiyyee isaatiif beekkannaa kenna. Kunis, mirga hiree ofii-mataa-ofiitiin murteeffata ummataa ka haga bilisummaa ofii goonfatuudha, sabootaa fi sab-lammoota addunyaa maraaf, saboota Abisiiniyaas dabalatee, ka hojirra oolfamu taha jechuudha. Mirgi gameessi kun ka sabaa tokkoog kennamee kaaniig didamuu miti jedha dhaabni keena. “Sabni tokko saboota biraa curqursee haga of jalaa qabutti, innuu walabaa miti” bu’ura jedhutti amana AWOn.

AWOn biratti mirgi nam-tokkee fi gurmuutis, akkuma waliigalaati guttametti, holiinsa (loogi) fi addaan ciccrama tokko malee mijuun ilaalama. Kanafuu, nu biratti, mirgi ummataa ka hiree ofii-mataa-ofiin murteeffataa, ka dimokraasii fi ilma namaa akka qaama tokkootti laalama. Akkasummattis, seerotaa fi waliigalteelee gulantaa addunyaa kanneen mirgoota bu’ura, ka akka nam-tokkoo fi ummataattis qabnu hin faalessine mara ni kabajna. AWOn dhaaba warraqaa haqa namummaattis amanu waan taheefjecha, heera ilma namaa murtii du’aan adabamuu hin qabu. Oromiyaa walaboomte keessattu seera imaammata dhaabota mirga namaatiif falmanii.

Hireen mirga ofii-mata-ofiitiin murteeffannaa duraa duuba qabsoo bilisummaa saba Oromootiif deebii kenna. Galiiwwan sagantaa yeroo gabaabaatii fi dheeraa keessatti ibsaman; ka dinagdee, ka hawaasummaa, ka aadaa fi siyaasaatus, yaaduma hundee mirga hiree ofii-mataa-ofiitiin murteeffaataa kanaan ammataman. Mirgi hiree ofii-mataa-ofiitiin murteeffannoo akkaataa fi roga adda ddaatti dalagarra oolfama. Gareewwan suyaasaa fi hawaasummaa kanneen gara garaa henna waayee mirga hiree ofii-mataa-ofiitiin murteeffannoo dubbatan, hubannaa addaa addaa qaban. Namoonni yaada tortoraa sabboonummaa dullacha Abisiiniyaa irratti cichan, mirga hiree ofii-mataa-ofiitiin murteeffaannoo akkaataan itti hubatanii fi itti hiikan: akka diigamiinsaa fi addaan faca’iinsa mootummaa fi abbaa-biyyummaa Abisiiniyaati fudhatu. Kanumaaf, yaada kana bifa maraanuu jibbanni xireeffatu.

Read Complete Article ||PDF||

HAQNI QABATAMAAN
Ummata Impaayera Toopiyaa ka ammaantana miliyoona 75 tilmaamu keessaa, ummanni Oromoo miliyoona 40 ol taya.

Addi Walabummaa Oromiyaa (AWOn) hookkaratti hin amanu. Cunqursitootni Abisiiniyaa osoo karaa nagayaatiin lafa Oromoo keessaa bayaanii lolli barbaachissa miti.

Qabeenna Oromiyaa Oromiyaan Gaafa Afrikaa keessaa oomichaa midhaan fi qaneemma bosonaatiin biyya dureettiidha. Qabeenni isii loowwan, Buna, gogaa, midhaanzeeytaa fi kanneen adda addaa, akkasumas albuudaa fi kkf.